Barumsa_Ibsa_Macaafa_Qulqulluu

Kutaa_3ffaa

Baroota_Uumama_Irraa_Eegalee_Hamma_Kakuu_Moofaatti_Jiru

Dheerina baroota kutaawwan baraa gidduu jiranii irratti hayyoonni yaada addaa addaa dhiyeessu.

Fakkeenyaaf:
➨Lafti kun erga uumamtee waggaan biiliyoonni lakkaawameera kan jedhan ni jiru.
➨Umuriin dachee kanaa waggaa 5800 kan jedhan ni jiru.
➨Kaan ammo Addaam irraa eegalee hamma Kiristoositti:
➤ Waggaa 5550 jedhu.
➤ Waggaa 10,0000 jedhu.
➤Waggaa 8000 jedhu.

➨Qorattoonni dhiyeenyaa ammo Kiristoos dura lafti kun waggaa 2000 qofa jiraatte jedhu. Ta’us, kitaabni Kakuu Moofaa bara 1446-400Dh.K.D tti barreeffamuu isaa ni mirkaneeffanna. Sababni isaa Museen Seera Uumamaa barreessuu kan jalqabe bara 1446 Dh.K.D yoo ta’u, bara 400 Dh.K.D tti ammoo Waaqayyo nama jalaa callisuu isaa argina.
Amantiin bara Kakuu Moofaa Yuudiizimii jedhama. Amantiin kun Waaqayyo abbaa qofatti kan amanu yoo ta’u, Maasihiin akka dhalachuuf jiru eeggatu turan. Jarreen keessaa warri Kiristoosiin hin amanne har’a iyyuu Maasihiin ganaa dhufee dhalata jedhanii eeggachaa jiru. Kitaabni kun bara Kakuu Moofaatti yommuu barreeffame gogaa irratti barreeffama ture, Gogaa kanas maranii kaa’u. kanaaf macaafni Kakuu Moofaa kun “maraa macaafaa”, caaffata Qulqullaa’aa fa’a jedhamee waamamaa ture.

Kitaabni kun macaafota 39 of keessaa kan qabu yoo ta’u, tokkoo tokkoo kitaabota kanaa kutaa lammaffaa kitaaba kanaa keessatti kan ilaallu ta’a.
1.4 Kakuu Haaraa
Maqaan “Kakuu Haaraa” jedhu kun jechoota lama irraa dhufe. Isaanis:
a. Nowum Testamentiyum – Afaan Laatinii
b. diyateke – Afaan Girikii Hiikkaan isaan kana lamaanii tokkicha yoo ta’u, akkasitti hikama:
➫ Kakuu Haaraa karaa Kiristoos Waaqayyoo fi nama gidduutti hundeeffame.
➫ Kakuu bara baraa isa waa’een isaa Kakuu Moofaa keessatti raajamee.
◉ Kitaabni Kakuu Haaraa guutummaan guutuutti kan barreeffame ergamootaan waan ta’eef, erga Yesuus du’ee du’a mo’ee gara abbaatti ol ba’eetii barreeffamuu jalqabe jechuudha. Kanaaf Kakuu Haaraan bara 34 Dh.K.B barreeffamuu jalqabuudhaan bara 95 Dh.K.B xumurame jechuudha.
Kakuu Haaraa keessatti sabni lafarraa hundumtuu saba Wanqayyooti. Dhiigni Yesuus sanyii namaa hundumaaf waan dhangala’eef, saba Waaqayyoo fi saba ormaa jechuun hin jiru. Kiristoos hundumaaf du’e, Wangeelli hundumaaf lallabame, fayyinnis hundumaaf tolaan kenname.
➠ Bara Kakuu Haaraatti warri karaa Yesuus Waaqayyoon Waaqeffatan “Kiristaanota” jedhamu.
Kitaabni Kakuu Haaraa macaafota 27 kan of keessaa qabu yoo ta’u, kutaa sadaffaa keessatti tokkoo tokkoo kitaabota sanaa duraa duubaan kan ilaallu ta’a.
◆◆ Babal’achuu Wangeelaa

Hojii Wangeela babalisuu jechuun namoonni akka Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaatti amanuudhaan adaba bara baraa jalaa ba’anii jireenya bara baraatiif akka qophaa’an gochuu jechuudha. Waldaa kiristaanaa babal’isuu jechuudha.
Waldaan kiristaanaa bara 33.5 Dh.K.B magaalaa Yeruusaalemitti dhaabbatte. Guyyaan sun du’aa ka’uu booddee gaafa guyyaa 50ffaa, Yesuus Gooftaan ol butamee gaafa guyyaa 10ffaa jechuudha. Hafuurri Qulqulluun gaafa sana Dilbata ganama sa’a 3:00 tti namoota 120 irratti gadi bu’e. isaanis hafuuraan guutamanii afaan haaraadhaanis dubbatan. Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni “Phenxeqostee” jedhamee beekame yommuu ga’e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, gargar tamsa’aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa’an. Yommus hundumti isaanii hafuura Qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa dubbachuu jalqaban (HoE 2:1-4).

Erga gaafa sanaati Waldaan kiristaanaa humna Wangeelaatiin babal’achaa jirti. Magaalaa guddoo Isiraa’el kan Yeruusaalem jedhamtu irraa ka’uudhaan hamma ammaatti Wangeelli babal’ataa jira. Kana keessatti waldaa kiristaanaa fi Wangeela barbadeessuuf yaalii guddaan taasifameera.

Bara Maasihiin dhalate addunyaan kun kolonii impaayeyera Roomaa jala waan turteef (Gaanfa 6ffaa), qeesaaronni Roomaa utuu Yesuus hin dhalatin duraa eegalanii Kiristoosiin mormaa turaniiru. Mormiin isaanii waggaa 400 jabaatee itti fufee ture. Barri sun naannoo 60 Dh.K.D eegalee hamma 340 Dh .K .B tti ture.
👇Maqaan qeesaarota kanaa kanneen gadiiti:
1) Aagusxoos Mooticha
2) Xibeeriyaas Mooticha
3) Kaaliiguulaa Mooticha
4) Kilaadewoos Mooticha
5) Mooticha Neeroo
6) Veespoosiyaa Mooticha
7) Tiitoo Mooticha
8) Domiishiyaa Mooticha
9) Naarvaa Mooticha
10) Tiraanjaa Mooticha
11) Haadiriyaa Mooticha
12) Antooniyoos Piiyoos Mooticha
13) Maarkaas Oreeliyoos Mooticha
14) Mootota Humnaan Bulchaa turan
15) Siippitiiimiyoos Sivaaras mooticha
16) Kaaraakaalaa Mooticha
17) Elaagaabaalus Mooticha
18) Iskiindir Sivaaras Mooticha
19) Maaksiimaan Mooticha
20) Filiphoos nama Arabaa
21) Diisiyoos Mooticha
22) Velaariyaa Mooticha
23) Gaaliyaanas Mooticha
24) Areeliyaan Mooticha
25) Diyookileetiyaa Mooticha
26) Konistaantii Mooticha

Isaan kunniin kiristaanummaa fi Macaafa Qulqulluu lafarraa balleessuudhaaf humna isaanii guutuudhaan hojjetanii dadhaban. Wangeela balleessuu yookaan daangessuu kan danda’e hin jiru. Namoonni kumaatamaan. miiliyeenaan lakkaa’amanis Wangeelaaf wareegamaniiru.
◉ Isaan keessaa:-
1) Simoon Kilooppaas: – waggaa 12 guutuu funyoo sibiilaatiin erga reebamee booda xumura irratti fannootti fannifamee du’e.
2) Iginaatewoos: – Paarkii keessatti bineensaaf kenname.
3) Pookaas:- Loomii fi bishaan walitti makame keessatti danfisanii buusanii guban.
4) Feeliisiitaas:- Ilmaan Ishee 7’n waliin kukkutamte.
5) Jaastiinaas – Qottoodhaan Mormatti cite.
6) Boolikaarpii:- Bartuu Yohaannis Akka foon aarsaatti hidhanii iddoo aarsaa irratti ibidda itti Qabsiisanii billaadhaanis wawwaraanan.

7) Attaalaas:- Erga bineensi marrummaan isaa cuffatee boodas mormatti cite.
8) Oneesifooroos: – Bineensaaf kennamee erga cicciramee booda Farda bosonaatti hidhanii gadi dhiisan. Hardiidoon sunis gotottee gaallabaa badde.
9) Baarnaabaas :- Fayyaatti Ibiddaan Gubanii Ajjeesan.
10) Vitaalaas:- Fayyaatti Awwaalame.
11) Phaawuloos :- Mormatti cite.
12) Luqaas :- Muka Ejersaa lalisaatti fannisan.
13) Maarqoos: – Kiyyoodhaan qabanii hamma foonii fi dhiignisaa ciccitee lafa lola’ee dhumutti lafa dhagaarra gototan.
14) Maatiyaas:- Fannootti ni fannisan. Dhagaadhaan fanno irratti reeban. Qottoodhaan fannoo irratti morma isaa kutanii ajjeesan.
15) Simoon Alfewoos- Fannisanii ajjeesan.
(16) Maatewoos:- Lafatti waqaranii (akka fannifameetti) Mormasaa qottoon kutan.
17) Toomaas:- Reebicha guddaa alangaa sibiilaa diimeffameen reeban, kana booda Zayitii danfaa qodaansaa qadaada qabu keessa buusan. Sana booda keessatti cinaachasaa eeboodhaan waraananii ajjeesan.
(18) Bartaloomewoos:- Ni reeban, Gadi gombisanii Fannisan, fayyaatti utuu jiruu fannoo Irratti gogaa irraa baasan…Mormatti Kutan (fannoo irratti).
19) Indiriyaas:- guyyaa fi halkan sadii fannoorra turee dhiphina guddaadhaan du’e.
20) Pheexiroos- Gadi gombisanii fannisanii ajjeesan.
21) Yaaqoob Alfewoos:- Mana Qulqullummaa irraa gadi darbatan. Yommuu kufe miilla isaatu cabe. Dhagaa fi uleedhaan tumanii lubbuu isaa keessaa baasan.
22) Filiphoos:- Mataa isaa fannootti hidhanii dhagaadhaan tuman.
23) Yaaqoob Zabdewoos – Mana hidhaa keessatti mormatti kutan.
● WAREEGAMTOOTA WANGEELAA JAARRAA 1ffaa
(1) Yohaannis Cuuphaa
(2) Baarnaabaas
(3) Warra Hidhata Phaawuloos Turan
(4) Aariistaarkaas
(5) Eephaafiraas
(6) Michoota Phaawuloos Arfan
(7) Phirisqiilaa, Aqiilaa, Andiroonikaas fi Yuunikaa
(8) Sillaas
(9) Oneesifooroos
(10) Warra Torbaatamman Keessaa:
(11) Onesimoos
(12)Antiiphaas
(13)Ximootewoos
(14) Aartisiinaas
(15) Vitaalaas
(16)Vaaleeriyaa
(17) Namoota Bara 100 Dh.K.B tti Wareegaman
● WAREEGAMA JAARRAA 2ffaa

  1. Simoon Kilooppaas
  2. Ruufoos fi Zoosimoos
  3. Namicha Xuwaashii Itoophiyaa
  4. Iginaatewoos
  5. Onesimoos
  6. Diyooniisiyoos Aareyooppaajiitaa
  7. Paabiliyaas
  8. Jaastaas fi Paaster
  9. Pookaas
  10. Faastiinaa fi Yaaqoobiita
  11. Ariyatama bara 130 Dk.K.B
  12. Keeriyaalaas fi Amaantiwoos
  13. Siinfooraasaa fi Ijoollee ishee
  14. Pitooloomewoos
  15. Luukiyaas
  16. Feeliisiitaas fi Ilmaan Ishee 7’n
  17. Ariyatama Arfaffaa
  18. Jaastiinaas
  19. Pooliikaarpii – Bartuu Yohaannis
  20. Attaalaas
  21. Wareegamtoota Bara 168Dh.K.B Kanneen Biroo
    👉Mee akkaataa itti waldaan hundooftee fi akkaataa itti Wangeelli babal’ate waliin haa ilaallu.
    ➨Hiikoo Waldaa Kiristaanaa
    Maqaan “Waldaa Kiristaanaa” jedhu jechooota afaan Girikii 2 irraa akka dhufe barreessitoonni ni dubbatu. Isaanis:
    1) Kuriakes :- biyya lafaa keessaa gara Gooftaatti deebi’uu 👉belongs to the lord.
    2) Ekileeshiyaa:- Walgayii warra Qulqullootaa👉The Assemble of saints.
    Akka barrreessitoonni addaa addaa jedhanittis ta’e akka Macaafa Qulqulluutti hiikkoowwan hedduu itti kennuun kan danda’amu yoo ta’e iyyuu, xiyyeeffannaa kitaaba kanaa keessaa akka nun baasneef gara babal’ina Wangeelaatti haa deebinu.
    Namoota Macaafa Qulqulluu Jallisanii barsiisuuf Yaalaa turan keessaa:
    1)👉Noosistoota (Gnosis) :- Barsiisa beektotaa jedhamee waamama. Barsiisni kun bara ergamootaa kan jalqabe yoo ta’u, jaarraa lammaffaa keessa babalate.
    Qabiyyee isaa:
    ◉ Yesuus Kiristoos fooniin dhalachuu isaa mormu Du’aa ka’uun hin jiru jedhu.
    ◉ Du’aa ka’uun hin jiruu jedhu.
    ◉Namni amanee hidhaa seexanaarraa bilisa waan ta’eef akka fedhetti foon isaa Gammachiisee jiraachuu qabaa jedhu. fkkf
    2)👉Montaanees:- Namicha qobaa isatti addaan ba’ee kadhachuudhaan Macaafa Qulqulluu dubbisaa tureedha. Booda akka hafuuraan guutamee himuuudhaan raajii dubbachuu jalqabe. Yesuus Kiristoos Onkoloolessa, 156 Dh.K.B dhufa. Yommuu dhufu immo magaalaa Kaarteej jedhamutti gadi bu’a jedhe. Namoonni hedduunis hojii dhiisanii guyyoota dheeraadhaaf soomaa fi kadhataan of qopheessaa turan. Kaan yeroo dheeraa nyaata lagachuudhaan illee du’aniiru. Namoonni gaafasii Yesuusiin eeganii namichi sobduu akka ta’e hubatanii mana isaaniitti deebi’an. Namoonni muraasni garuu dirree irra buluudhaan halkan guutuu eegaa bulan. Gaafuma sana akka Yesuus hin dhufin yommuu yommuu argan, daandii sirriidhaan Waaqayyoon Waaqeffachuu akka qaban murteeffachuudhaan waldaa kiristaanaa irraa cabsatani. Isaan kunis warra Har’a Adventisti jedhamanidha. Waaqeffaannaan isaanii guyyaa sanbata duraati.
    3)👉 Maarsiyoonii:- Kitaabota Macaafa Qulqulluu keessaa hunda hin fudhatu. Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Qulqulluutiin barreeffamuu isaas ni morma. Kitaabni Qulqulluun dogoggora hedduu qaba jedhee barsiisa. Kitaaba Qulqulluu kutaa hin barbaanne utuu uummanni ilaaluu kutee gata.
    Kanaaf waldaan kiristaanaa kitaabota Macaafa Qulqulluu irratti ulaagaalee madaallii baafatte. Madaalliin kunis Canon (Kaanoon) jedhama. Kitaabilee bara sanaa keessaa kitaabni tokko Macaafa Qulqulluutti dabalamuuf yookaan sagalee Waaqayyoo ta’ee fudhatamuuf ulaagaa guutuu qabuudha.
    4)👉Aariwoos:- Luba Aleksaandariyaati (Gibxi). Lubni kun ammo “Yesuus Uumamadha” jedhee barsiisa. Kanaaf walga’ii Niiqiyan irratti namicha kana waldaa keessaa haqan.
    5)👉 Appoolinaariyaas:- Yesuus waaqummaa malee namummaa hin qabu jedhee barsiisa. Waldaan kiristaanaas bara 325 tti walga’ii Qusxiiniyaa irratti ibsa ejjennoo baasuudhaan ittiin marmite.
    6)👉 Niisxiroos Yesuus amala namummaa fi waaqummaa walfaana qabaachuu hin danda’u jedhee barsiise. waldaan kiristaanaa bara 431 tti magaalaa Efesoonitti walga’ii godhachuudhaan ibsa irratti baaftee ittiin marmite.
    7) 👉Awutakes:- waaqummaa fi namummaa Yesuus irratti barsiisa dogoggoraa barsiise. Waldaan kiristaanaas bara 451 tti magaalaa Kaalkedoonitti walga’i gochachuudhaan ibsa mormii irratti baafte, Yesuus waaqa dhugaa fi nama dhugaa ta’uu isaas jabeessitee labsite,
    Isaan kunniin akka fedha isaaniitti Macaafa Qulqulluu jal’isanii barsiisuuf yaalii addaan hin cinne yoo taasisan iyyuu hin dandeenye.

◆◆ Wangeelli Impaayera Itoophiyaa Seenuu Isaa
Macaafni Qulqulluun amma biyya kana keessatti afaanota hedduutti hiikamee lallabamaa jira. Biyyattii keessaa akka gabaasni mootummaa kan bara 2007 ba’e ibsutti uummata biyyattii keessaa 63% kiristaana, 33% Musiliima, kaanis xixiqqaan ni jiru. Haata’u malee Wangeelli akkaataa ulfaataa ta’een biyyatti seene. Waantota raawwataman kanneen haa ilaallu:
➨1) Namichi Itoophiyaa (xuwaashii) naannoo bara 34-35 Dh.K.B tti akka waaqeffannan Yihuudotaatti Waaqayyoof sagaduudhaaf Yeruusaalem deemee ture. Yeroo sana biyya Isiraa’el keessatti Filiphoos waa’ee Kiristoos dhugaa ba’eef, ni cuuphes. Namichi kun kiristaana Itoophiyaa isa jalqabaa ta’ee deebi’e. HoE 8:26-40.
➨2) Bara 70 Dh.K.B tti ergamaan Maatewoos Itoophiyaa dhufee Wangeela lalabe. Asumattis warri Itoophiyaa qottoodhaan morma isaa irraa kutan. Yeroo sana namoonni Itoophiyaa hedduun waa’ee Kiristoos dhaga’aniiru.
➨3) Bara 330 Dh.K.B keessa mootiin Aksum kan Izaanaa jedhamu mootummaa isaa jabeeffatee ture. Izaanaan yommuu duula geggeessaa turetti kiristaanota Sooriyaa booji’ee ture. Yeroo kana warra booji’aman keessaa namoonni Edisiyuus fi Fireeminaaxoos kanneen jedhaman waa’ee Yesuus izaanaatti lallaban. Mootichis kiristaana ta’e. Yeroo sana amantiin Kiristaanaa Itoophiyaatti baay’ee beekame.
➨4) Bara 476 Dh.K.B Qulqulloonni 9 biyya Sooriyaa irraa ergamanii Wangeela lallabuudhaan Itoophiyaa keessatti amantii babal’isuu dhufan. Seera sagadaa fi kitaabilee addaa addaa afaan Gi’iiziitti hiikuudhaan uummata Itoophiyaa barsiisan.
➨5) Mootummaa Zaaguwee 1137-1270 Dh.K.B mootummaa Itoophiyaa injifachuudhaan kiristaanummaa babal’ise.
➨6) Mootummaa Hidda Solomoon 1270 Dh.K.B mootummaa Zaaguwee injifachuun yommuu aangoo fudhatu, Yukinoo Amlaak mootii jalqabaa ta’e.
➨7) Bara 1314 Dh.K.B tti AmdeTsiyoon mootummaa Musiliimaa lolee injifachuudhaan aangooo biyyattii qabatee kiristaanummaa babal’isuu itti fufe.
➨8) Zaraa Yaaqoob bara 1434 Dh.K.B aangoo qabachuudhaan amantiii kiristaanaa Ortodoksii babalisuu keessatti ga’ee guddaa taphate. Duula musiliimotaa biyya isaa irraa jabaatee ittiseera.
➨9) Galaadewoos Bara 1541 Dk.K.B dirree waraanaa Woyinadagaa tti duula Musiliimaa injifachuudhaan kiristaanummaa babal’isuu itti fufe.

➨10) Pedro Peeyiz bara 1603Dh.K.B mootii habashaa Suuseeniyoos jedhamutti lallabee kiristaanummaa fuchachiise.
➨11) Paatiriyaarkiin Gibxi kan Afoonzoo Mendez jedhamu bara 1622-1634 Dh.K.B Wangeela Itoophiyaa keessa babalisaa ture.
➨12) Bara 1635 Dh.K.B Mishinariin Pirotestaantii jalqabaa Itooophiyaa seene. Gartuun kun Jarmanii irraa ergamanii kan dhufaniidha.
➨13) Bara 1820 Dh.K.B Mishinariin Wangeelaa (Pirotestaantii) Itoophiyaa seene.
➨14) Bara 1828 Dh.K.B tti Gartuun Mishinarii Church Mission Society jedhamu ergamee dhufe.
➨15) LuuwisKiraaf bara 1840 Dh.K.B biyya seene. Yeroo jalqabaatiif bakka Ankoober jedhamutti Oromootti Wangeela lallabe. Haala uummata Oromoo argee baay’ee kan jaallate mishinariin kun Oromoo yoo Wangeela fudhachiisan Itoophiyaa qofa osoo hin taane Afirikaa qabachuu akka danda’an xalayaadhaan Jarmaanotaaf ibse.
➨16) Bara 1840 Dh.K.B Macaafni Qulqulluun gara afaan Gi’iiziitti hiikame. Namichi Macaafa Qulqulluu afaan Amaaraa (Gi’iiz) tti hike kun “Abiraam Abbaaroomaa” jedhama.
➨17) Gartuu Mishinarii GHM German Hermansburg Mission bara 1849 Itoophiyaa seene. Gareen kun 1854 fi 1858 Dh.K.B Wangeela babal’isuuf yaalanii turan.
➨18) Gartuu Mishinarii SEM – Swedish Evangelical Mission bara 1866 Dh.K.B Masawwaa ga’an. Isaan kun Waldaa Kiristaanaa Beetel hundeessan. Kiristaanota Oromoo jajjaboo kanneen mootummaan Habashaa garboomsee gurgurate argatanii waliin hojjechuu jalqaban. Namoonni kunniin Macaafa Qulqulluu gara afaan Oromootti hiikan.
➨19) Onesimoos naasib (Hiikaa Awwaajii) bara 1899 Dh.K.B kitaaba Qulqullii afaan Oromootti hiikee dhiyeesse.
➨20) Gartuu Mishinarii American Presbytrian Mission APM kan Dr. Laambeedhaan durfamu bara 1919 Dh.K.B Itoophiyaa seene. Dambii Dolloottis waldaa Beetel hundeessan.
➨21) Gartuu Mishinarii Sudan Interior Mission – SIM bara 1927 Dh.K.B Dr. Toomaas Laambeetiin kan hoogganamu Itoophiyaa seene. Gartuun karaa sudaan Itoophiyaa seene. Utuu Jimmaan deemaa jiruuu, akkaataa hin beekamneen magaalaa Hosaanaatti argaman. Gartuun kun waldaa Qaala Hiwat Itoophiyaa hundeessan. 22) Gartuun biroon hedduuni ni jiru.
◉Wangeelli haala kanaan Itoophiyaa fi Oromiyaa keessatti babal’ate.

◆◆ Quraanni Waa’ee Macaafa QulqulluuMaal Jedha?
ammo Amantiiwwan addunyaa kanarra hedduun yoo jiraatan iyyuu, amantiiwwan gurguddoo addunyaa kanaa sadiitu jiru. fi Isaanis:-
➧Kiristaanummaa,
➧ Islaamummaa
➧Yuudiizimiidha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti ammo hordoftoota hedduu qabaachuudhaan amantiin dagaage kiristaanummaa yoo ta’u, lammaffaan islaamummaadha. Kitaaba amantii Islaamaa kan ta’e Qur’aana jedhama. Warri Musiliimaa Kitaaba Qulqulluu hin dubbisan, qubaan iyyuu tuquu hin barbaadan. Garuu Macaafni qulqulluun dubbii Waaqayyoo isa namni kamuu kudhaammachuu qabu akka ta’e qur’aanni illee ni barsiisa. Musiliimonni garuu qur’aanaafis abboomamuu diduudhaan Macaafa Qulqulluu lagatu. Mee waa’ee Macaafa Qulqulluu Qur’aanni hordoftoota isaatiif maal dhaame kan jedhu asii gaditti ilaalla.
Macaafa qulqulluu bakka afuritti qooda. Isaanis:
a) Tooraat- Kitaabota seeraa shanan
b) Zabur-Kitaaba Walaloo (Daawit)
c) Suhuuf Al Abmiyayi- Kitaaba Raajotaa
d) Injiila-Wangeela
Quraanni Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa ilman namootaaf kennamuu isaa mul’inatti dhugaa ba’a.
Kitaabilee kanniinitti akka amanuu qaban cimsee ajaja
➫ Fakkeenyaaf:
●(1) Sura 10:44 Macaafa qulqulluun kitaaba gaaffii hundumaaf deebii kennuudha,
● (2) Sura 4:136 Macaafa qulqulluu utuu gargar hin basiin guutummaa isaatti amanaa.
●(3) Sura 32:23- Kitaabota seeraa rabbi biraa harka Museetti kenname kanatti amanaa. hara
●(4) Sura 5:44 – Kitaaba seera Musee keessa ifaa fi secrats jira.
●(5) Sura 12:185 Nama macuafota macaafa qulqull addaan baase rabbi lafa irratti illee ni adaba, Kuyys qiyaamaa illee adaba guddaa itti buusa, gara ibidde darbata.
●(6) Sura 43:61 Yesuus Karaa Jireenyaati. Yea “nahordofaa, karaan qajeelaan isa kana…”jedhe
● (7) Sura 4:59 Isin warra kitaabota gubbaa dhufani amantan, kan Yesuusitti amanu malee kan jannata galuu tokkollee hin jiruu
tokkollee hin jiru. tokkoll
●(8) Sura 3:45, 4:171, 19:34 – Yesuus Sagalee rabbiiti. Jechi rabbi irraa dubbatametu garaa maariyaamitti da’e (Hafuura isaa).

●(9) Sura 43:61-Yesuus karaa jannataati.
●(10) Sura Tulmaayidaa 47 Warri wangeelaa wangeelaan murtii haa kennani. Warri kana didu gantoota.
●(11) Sura 5:48 – Caaffata qulqullaa’aa dhugaa of keessaa qabu kana nutu sinif erge. Caaffanni kun macaafa waaqayyo biraa duraan ergame kan mirkaneessu, kan eeguu fi akka amannee fudhannu nutaasisuudha.
Kutaawwan itti aanan keessatti ammoo kitaabilee 39 kanneen Kakuu Moofaa keessa jiranii fi kitaabilee 27 kanneen Kakuu Haaraa keessa jiran tokko tokkoon ibsa isaanii waliin kan ilaallu ta’a.
➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥➥
Barumsi kutaa 3ffaan kun akka inni baayye dheeraa ta’e nan beeka obsaan dubbisaa
📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖📖
Share gochuu hin dagatiinaa
Kutaa 4ffaan “Macaafota Seeraa shanan kan jedhuun hanga walitti deebinutti nagaadhaan naaf turaa!”
H/W/BOONSAA Fufaatiin

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started